ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Dhimma lafti Booranaa kukkutamaa jirtu ilaalchisuun Abbaan Gadaa Booranaa duraanii Ab Kuuraa Jaarsoo gaaffii fi deebii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin lafa Booranaa mootummaa kanatu gurgurate mootummaan walitti nama naquu fedha, hanga alaabaan lama Mooyyaalee keessa dhaabbatutti nagaan dhufuu hin danda’u, akkuma godhetti hiikuu qaba, alaabaan Soomaalee Mooyyaalee keessaa buqqa’uu qaba jedhanii turuun ni yaadatama.

