ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Aanaa Bachoo ganda Fugoo Saardoo jedhamu irraa bulchaan aanichaa Befiqaaduu Warqinee jedhamu torban darbe keessa dargaggoo Abdoo Qannoo jedhamu jalaa lafa abbaan isaa kutee kenneef irraa fayyadamuuf buna dhaabbate jalaa buqqisnaan akka godhu dhabee sababa aariin waxalameef of wallaalee kufee baatamuun manatti galfamee jiraachuu jiraattonni gandichaa dabalun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, bulchaan aanichaa kun gandichuma keessaa torbanuma darbe keessa maanguddoo ganna 60 tokko jalaa lafaa fi mana isaa hunda saamuun, qotee bulaa Obbo Jamaal Ahimad jedhamu Piistoon doorsisuun baargamoofi lafa margaa isaa irraa saawwan ari’uun jalaa qotachuu isaa maddeen itti dhiheenyaan beekan himanii jiru.
Sababa bulchaan aanichaa kun, lafa qonnaan bultootaa fi qabeenya hedduu doozariin jalaa mancaaseef hawaasni bakka itti horii isaa tikfatu dhabee gabaatti guuree gatii rakasaan gurguraa jiraachuun ifoomeera.

