ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Ergama qaama isaanii olii irraa itti kennamu qofa raawwaachuuf kanneen bobbaafaman ergamtoonni Biliginnaa hawaasa nagaa jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu maqaa garaa garaa itti maxxansuun reebuu, hidhuu, qabeenya saamuu fi yakka tokko malee ajjeesuu hojii idilee isaanii godhachuun miidhaa ulfaataa raawwachaa jiran hammeessuun, aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Gooban jedhamu keessaa loltootni sirnichaa Hagayya 6, 2025 namoota hedduu jumlaan ukkaamsuu hidhaatti guuruu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Namoota badii tokko malee hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaan isaanii nu ga’e:
- Gechoo Bulchaa,
- Sanyii Gulummaa,
- Balaayinesh Caalaa,
- Yashii Caalaa,
- Hirphee Zannabaa,
- Kumashii Beeraa,
- Leensee Asfawuu,
- Maartaa Gechoo,
- Zannabuu Warquu,
- Boontuu Geetaachoo fi
- Yaadanii Gammachuu
kanneen jedhaman sababa tokko malee ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bultoonni kunneen tuttuqaa dhaaba siyaasaa kam keessaa bilisa kan ta’anii fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamanii dararaa ulfaataa argaa jiraachuun ifoomeera.

