ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Gareen hidhattoota Falasxiin Hamaas Kamisa kaleessaa muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun mootummaan isaanii hojii waraanaa Gaazaa keessatti babal’isuuf tarkaanfii fudhachaa ture, namoota Israa’el boojuun achitti qabaman wareeguun himate.
“Karoorri Netaaniyaahuun weerara kana hammeessuuf qabu, fedhii dhuunfaa isaa fi ajandaa ilaalcha gara jabeeyyii hordofuuf booji’amtoota ofirraa baasuu fi wareeguuf fedhii qabaachuu isaa shakkii tokko malee mirkaneessa,” jechuun Hamas ibsa kenneen dubbateera.
Ibsi kun kan ba’e Netaaniyaahuun duula waraanaa Gaazaa keessatti babal’isuuf sagalee kennuuf kaabinee nageenyaa isaanii yeroo waamanitti. Miidiyaaleen Israa’el akka jedhanitti, lafa Falasxiin guutummaatti waraanaan dhuunfachuu akka ta’e ibsan.
Kamisa dura neetworkiin Ameerikaa Fooks Niwus gaaffii fi deebii Netaaniyaahuu waliin taasise qilleensarra oolchuun Israa’el Gaazaa hunda to’achuuf akka yaadde malee “eeguuf” ykn “bulchuuf” akka hin yaadne dubbateera.
“Yaada yakkamaan waraanaa… Beeniyaamin Netaaniyaahuun, gaaffii fi deebii Fox News waliin taasisaniin… Wanti inni karoorfate imaammata duguuggaa sanyii fi humnaan buqqa’uu itti fufuudha, karaa yakka dabalataa ummata keenya Falasxiin Gaazaa keessatti raawwachuudhaan,” jedhe Hamas jechuun Rooyiters gabaaseera.

