ONM-ABO Hagayya 8, 2025
Pireezidaantiin Masrii Abdel Fattah El-Sissi qondaala Sudaan daawwannaa Misiritti geggeessan Kamisa kaleessaa simachuun ibsa waloo Muummicha Ministeeraa Masrii Mustafaa Madbuulii qondaala Sudaan waliin taasisaniin Sudaan waliin tumsa haaromsuu akka barbaadan dubbataniiru.
Madbuuliin ”tarkaanfiiwwan gama tokkoon Itoophiyaan laga Abbayyaa ilaalchisee fudhachaa jirtu guutummaatti diduu” ibseera.
Masriin ji’a darbe akka ibsetti, Itiyoophiyaan hidha ishee amma xumurame irratti waliigaltee dirqisiisaa irra ga’uuf fedhii siyaasaa wal irraa hin cinne Itoophiyaa akka hin qabnee fi dhimma mirga bishaan laga Abbayyaa fi dantaa Masrii fi Sudaan kan ilaallatu ta’uu ibsiteetti.
Masriin ijaarsa hidha kanaa yeroo dheeraaf mormaa turte. Sababni isaas qooda biyyattiin bishaan laga Abbayyaa, madda ijoo qonna Masrii harka caalu fi ummata ishee miliyoona 100 ol ta’e irraa qabdu hir’isa jechuuni.
Qondaalli Sudaan Idriis erga aangoo qabatanii booda daawwannaa jalqabaa biyya alaa taasisaniin haasawa taasisaniin, dhimmoota marii kana keessatti ka’an irratti ”waliigalteen” akka jiru dubbataniiru.
Sudaan Ebla bara 2023 irraa eegalee waraana biyya keessaa keessa jirti.
Lolli aangoo waraanaa fi RSF gidduutti taasifamaa jiru rakkoo namoomaa uumeera.
Wal waraansa kanaan namoonni 40,000 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, waraanni kun balaa buqqa’iinsaa addunyaa irratti isa guddaa ta’e keessaa tokko ta’uu Africanews gabaaseera.

