ONM-ABO Hagayya 17, 2025
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu irraa Hagayya 13, 2025 gara galgalaa dubartiin milishaa Bilxiginnaa kan maqaan ishee Tuujubee Ittaanaa jedhamtu abbaa manaa ishee dabalatee namoota baay’inaan 3 ta’an badii tokko malee rasaasa itti roobsuun madeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dubartiin milishaa Bilxiginnaa taate kun, sababa tokko malee horiin midhaan nyaannaan wacni hoggaa uumamu, rasaasaan kan rukkuttee fi abbaa manaa ishee gartokkee qaama ishee ta’e illee madeessuun kun gara jabina guddaa lukkeeleen Bilxiginnaa qaban kan agarsiisu ta’uu himanii jiru.
Namoota rasaasaan rukkutaman keessaa tokko maqaan isaa Lalisaa kan jedhamu yoo ta’u,isaa fi warreen biroon miidhaa ulfaataa qaama isaanii irra gaheef du’aa fi jireenya gidduutti kan argamanii fi buufata fayyaa aanaa Daaboo Haannaatti yaalamaa kan jiran ta’uun dabalataan ifoomeera.

