ONM-ABO Hagayya 20, 2025
Hagayya 13, 2025 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko PKM tokko fudhatee WBO naannichaa keessa socho’aniti dabalamee jira.
Loltuun PP duraanii kun mooraa Bilxiginnaa keessa rakkoo ilaalcha sanyummaa fi wal shakkii adda addaan miseensonni isaa ajjeechaa wal irratti raawwachuun hammaachuu fi sodaa fi yaaddoo lola daangaa deemna jedhuun loltootni mooraa Bilxiginnaa ganuun WBO’tti harka kennachuu jabeessanii jiraachuu gabaasee jira.
Itti dabaluun, turtii mooraa Bilxiginnaa keessa turetti osoo beekuus ta’e osoo hin beekin daba seenaa uummata Oromoo irratti raawwachaa tureef uummata Oromoo dhiifama gaafachuun, hiriyoota isaa mooraa cubbamaa Bilxiginnaatti hafuun saba isaanii dararaa jiraniin osoo yeroon jiruu dafaa gara qabsoo haqaa ABO-WBO’n geggeefamaa jiruutti makamaa jechuun waamicha godheefii jira.

