ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee irraa Hagayya 22, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Daraaroo Guyyee fi
- Obbo Boonsaa Daraaroo
jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoonni kunneen tuttuqqaa siyaasaa kam keessaa bilisa kan ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii irraa kan qabaman yommuu ta’an, sababa sobaa itti maxxansuun “WBO isintu biyya galche” jechuun erga hidhaatti darbatanii boodas, qarshii irraa nyaatanii gadi dhiisuuf reebicha ulfaataa irraan gahaa jiraachuun himamee jira.
Magaalicha keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa akka feeteen bobbaafamanii ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabinaa ulfaataa raawwachaa jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa humnaa fi aangoo qabaniin akkasumas baay’ina waraanaa gahumsa lolaa hin qabneen afaan qawwee gargaaramuun hawaasa meesha maleessa dararuutti kan amanan, hawaasa hiraarsuu akka tooftaa dheeressituu umrii aangoo isaaniitti fayyadamuuf yakka seeraa fi seenaan hin daganne raawwachaa jiru.

