• Mon. Jun 8th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Booraa keessatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota saamuu akkaan cimsanii itti fufan

Aug 28, 2025

ONM-ABO Hagayya 28, 2025 

Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Jirimee Booraa keessaa waraanni koloneel Abiy Ahimed Hagayya 25, 2025:

  1. Obbo Ayyalaa Saphoo jalaa loon 30 yoo fudhatan, 
  2. Obbo Ifoo Taaddasaa jalaa ammoo loon 10 ooffatanii deemuu 

maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees qabeenya mana keessaa kanneen akka; meeshaa qorichi farra haramaa ittiin biifamuu fi qorichoota  farra haramaa hedduu qonnaan bultoota kanneen jalaa saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Namoonni kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa isaanii geggeeffatan malee siyaasa tokkollee hin hordofne yoo ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa garuu sababa sobaa “WBO deggertu” jedhu itti maxxansuun gara laafina tokko malee qabeenya hanga kana jalaa saamuun eeramee jira.

Abiy Ahimed guddannee jirra, guddachuu keenyaaf ammoo seekteroota hojii mootummaa hunda keessatti jijjiiramni jira jedhus hawaasni daldalaan daladala dhabee, qonnaan bulaan qonnaan dhiisee, warshaaleen hojii addaan kutanii bakka maddi galii fi hojii uumuu hongaa’ee jirutti, guddina masaraa isaa keessaa mallaaqa maxxansee gabaatti gadi dhiisuu fi wantoota cululuqaa magaalaa keessa jiru yoo agarsiisu, hawaasni bal’aan garuu hojii Bilxiginnaan hojjechaa jiruun qe’een isaa golgola’aa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading