ONM-ABO Hagayya 28, 2025
Mariin marsaa haaraa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi finciltoota M23 Ruwaandaan deggaraman gidduutti Dohaatti gaggeeffamaa jira. Gareen lamaan kunneen ji’a darbe araara Kaataar gidduu seenuun mallatteessan akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’an irratti waliigalteerra ga’uuf yaalaa jiru.
Waliigaltee sanaa fi kanaan dura Waashingitan keessatti Kinshaasaa fi Kiigaalii gidduutti mallattaa’e jiraatus, bulchiinsa DRC’s Kaabaa fi Kibba Kiivuu keessatti lola itti fufee jira.
Mariin marsaa dhumaa kun wixinee yaada Kaataar adeemsa nagaa marsaa sadiif dhiheessite irratti kan xiyyeeffatu ta’a. Ministeerri haajaa alaa Kaataar mala haala waraanni dhaabbachuu hordofu akkasumas hidhamtoota jijjiiruuf karoora uumuu kan of keessaa qabu ta’uu ibseera.
Minsisteerri haaja alaa Kaataar Ansariin akka jedhanitti, mariin amma taasifamaa jiru kun mala hordoffii waraanni dhaabbachuu hordofuu uumuu, akkasumas hidhamtootaa fi to’atamtoota wal jijjiiruu kan hammateedha. Itti dabaluunis, Ameerikaa fi Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa marii kana deggaruuf walitti dhiyeenyaan hirmaachuu isaanii ibsaniiru.
Garuu ministirri haajaa alaa Beeljiyeem Kibxata darbe gaazexeessitootaaf akka himanitti, pirezidaantiin DRC Feliks Tishisekedi barreeffamicha irratti quufa dhabuu isaanii kanaan dura ibsaniiru.
Mootummaan Koongoo fi M23 dhukaasa dhaabuu cabsuun wal himatan.
Gareen finciltootaa M23 waldhabdee waggoota dheeraaf ture keessatti garee hidhatee beekamaadha. Jalqaba bara kanaa gara Gomaatti tarkaanfii cufaa taasiseen reeffi daandii irratti akka baay’atu taasisaniiru.
Namoonni miliyoona 7 ta’an Koongoo keessatti buqqa’anii waan jiraniif, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “rakkina namoomaa yeroo dheeraa, walxaxaa, hamaa ta’e addunyaa kanarra jiru keessaa isa tokko” jedheera jechuun Africanews gabaaaseera.

