ONM-ABO Hagayya 29, 2025
Sirni abbaa irree Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa hunda keessatti uummata nagaa dhorkee hiraarsuu hammeessuun, Hagayya 23, 2025 aanaa Shaashamannee ganda Araddaanoo Shifaa jedhamu irraa namoota hedduu badii tokko malee hidhuun dararaa jiraachuu jiraattotni ifoomsaniiru.
Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu gahe:
- Haaji Gammadaa Gurruu fi
- Nuurii Badhaasoo
kanneen jedhaman yoo ta’an, Haaji Gammadaa kun yeroo garaa garaatti badii isaa malee sirna abbaa irree kanaan deddeebi’ee dararamaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ifoomsanii jiru.
Ganda kana qofaa osoo hin taane magaalaa Shaashamannee gandoota garaa garaa keessatti dhiibbaan hawaasa irra ga’aa jiraachuunis ifoomeera.

