• Sun. Jul 26th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaalee garaa garaatti maatiin qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti saamichi, hidhaa fi doorsisni jabaachuun himame 

Aug 29, 2025

ONM-ABO Hagayya 29, 2025  

Impaayera Oromummaan yakka ta’e Itiyoopiyaa keessatti gatiin ilma namaa hanga kan bineensotaa hanqachuun gara jabummaan guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo irratti adeemaa jiru jabaatee itti fufuun godina Lixa Shaggar aanaalee akka Abuunaa Gindabarat, Gindabarat, Jalduu, Midaa-Qanyii, Dirree Incinnii, Tokkee Kutayyee, Baakkoo Tibbee, Amboo fi kanneen biroo keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa jabaan geggeeffamaa akka jiru jiraattonni himaniiru.

Bifuma kanaanis waraanni maafiyaan PP maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoon gandoota baadiyyaa keessatti sochii taasisuun yakkoota akka hidhaa,  saamicha, gubaatii manneenii,  gudeeddii shamarranii fi haawwan Oromoo irratti taasisaa kan jiran oggaa ta’u, keessattuu maatiin qabsaa’otaa fi sabboontonni ilmaan Oromoo hidhamaa jiranis hidhaa irraa baafamuuf qarshii gurguddaa ergamtoota Bilxiginnaa gaafatamaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Kana malees jiraattonni bulchiinsa magaalotaa fi bakka qubsuma loltoota sirnichaa jiraatan maqaa hojii loojistikii Waraana Bilisummaa Oromoof hojjechaa jirtu jedhuun bilbilootni harkaa fi maallaqni daandii gubbaatti loltoota sirnichaan harkaa guuramaa kan jiru oggaa ta’u, haalli waliigalaa godinicha keessatti gara jabina hamaan loltoota faashistii PPn jabaatee akka jirus itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading