• Wed. Nov 25th, 2026

Beelaaruus luba lammii Poolaandi himannaa basaasaatiin to’annaa jala oolchite

Sep 6, 2025

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Waarsoon erga Beelaaruus abbaa amantii Poolaandi basaasaan shakkame tokko to’annaa jala oolchitee booda aariidhaan deebii kennite.

Miidiyaaleen mootummaa Beelaaruus Jimaata kaleessaa akka gabaasanitti, ergamtoonni tajaajila nageenyaa mootummaa namicha to’annaa jala oolchuu fi sanadoota shaakala waraanaa waloo Beelaaruus fi michuu ishee Raashiyaan karoorfataniin walqabatan irratti argachuu isaanii ibsaniiru. Poolaandi tarkaanfii kana tattuqaa jechuun “deebii” akka kennitu waadaa galteetti.

Lubni maqaan isaa Girizegorz Gawel jedhamu kun  magaalaa guddoo biyyattii Minsik irraa gara bahaatti argamtu magaalaa Lepel keessatti to’annoo jala oole. Lammiin Beelaaruus tokkos to’annoo jala ooleera.

Dhaabbanni oduu mootummaa Beltaan akka gabaasetti shakkamaan Poolaandi kun shaakala Zapad 25 baatii kana keessa gaggeeffamuu qabu ilaalchisee sanada waraabbii qaba ture. Akkasumas maallaqa Beelaaruus fi biyya alaa fi SIM kaardii bilbilaa socho’aa nama biraatiin galmaa’e qaba ture.

Shaakala Zapad waggaa lama lamatti al tokko Beelaaruus ykn Raashiyaa keessatti gaggeeffamu kun, Beelaaruus biyyoota ollaa sadii qaama gamtaa NATO ta’an – Poolaandi, Laatviyaa fi Lituwaaniyaatti dhihoo ta’uu isheetiin biyyoota dhihaatiin fedhii guddaadhaan ilaalama.

“Sochii basaasaa lammii Poolaandi kanaa ilaalchisee ragaan hin mormamne jira,” jedha dhaabbati oduu mootummaa Beelaaruus Beeltaan. “Hidhamuu isaa daqiiqaa muraasa dura sanada waraanaa dhoksaa argate. Kun hundi viidiyoodhaan qabame.”

Beltaan itti dabaluudhaan lammii Beelaaruus kana dhaabbata isaa keessatti qacaruuf yaalaa akka turee fi maallaqaa fi kennaa xixiqqoo akka isaaf kenne dubbateera.

Muummichi ministeeraa Poolaandi Doonaald Tusk Jimaata kaleessaa gaazexeessitootatti akka himanitti, Waarsoon “waan akkanaa ykn waanuma hin taane gama Beelaaruusiin adeemsifamu hin fudhattu” jedhan jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply