ONM-ABO Fulbaana 6, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Tokkummaa Tsigee magaalaa Tsigee keessaa Fulbaana 2, 2025 lukkeeleen sirnichaa jiraattota maqaan isaanii:
- Morkaa Dirribaa,
- Jalduu Fayisaa,
- Kabbadee Gabbisaa fi
namoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu badii tokko malee waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa “WBO’f odeessa laattu” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbatanii jiraachuu dubbatu.
Yakkoonni akkasii irra deddeebiin gandicha keessatti raawwatamaa jiraachuu fi yeroo ammaa kanas uummanni qaama itti iyyatu dhabee rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Impaayera Itiyoopiyaa diigamaa jirtu deebisanii suphuu fi barcuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf jecha uummata nagaan qe’ee fi qabeenya isaa irra jiraatu jireenya itti hadheessaa kan jiran gara jabeeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa, waggoottan torban kana keessatti dararaa ulfaataa armaan dura uummanni Oromoo argee hin beekne irraan gahaa kan jiran ta’uun ni beekama.

