• Fri. Nov 20th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti hidhaa fi dhiittaan mirga namoomaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru haalaan cimee itti fufee akka jiru ibsame

Sep 6, 2025

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Murni Bilxiginnaa xiyyeeffannoo addaa keessa galchuun uummata Oromoo kutaalee Oromiyaa mara keessaa maqaa maatii qabsaa’otaa fi sabboontota jedhuun yakkee akka waan daba raawwachaa jiranitti diigumsa sirna keenyaa irratti waloon hojjettu maqaa jedhuun halluu diimaa kenneefii addatti ilmaan jalaa funaanee ajjeesuu, hidhuu, dirqiin mooraa leenjii waraanaatti erguu, haawwan fi shamarran lafaa dhufoo akkasumas dardarran ta’an fedhii isaaniin ala gudeeddii irratti raawwachaa jira.

Bifuma kanaanis Fulbaana 3, 2025 ganda Tobbii bakka addaa Qobboo jedhamutti waraanni ergama badiisaa fi dhaloota sakaaluu aaddeffatan namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Musxafaa Haayiluu fi
  2. Raamadaan Lijaabuu

kanneen jedhaman bakka isaan hojii dhuunfaa isaaniitti bobbaa’anii jiranitti yakka tokko malee reebicha jabaa irratti raawwatanii mooraa waraanaa isaanii galchuun hanga gabaasni kun qindaa’etti dhiibbaa jabaa irratti raawwachaa akka jiran odeessi nu qaqqabe ni addeessa.

Kana malees guyyaa guyyaatti waraanni mooraa adda addaa irraa gara qe’ee hawaasaatti bobba’ee uummata nagaa hojii dhorkuun maqaalee adda addaa itti maxxansee dhiibbaa daanga-maleessa irratti raawwachaa kan jiran oggaa ta’u, namnuu ba’ee galuuf yaaddoo ulfaataa keessa akka jiru ibsameera.

Leave a Reply