• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti maatiin qabsaa’otaa jumlaan hidhamuun itti fufe

Sep 6, 2025

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Fulbaana 2, 2025 walakkeessa halkanii WBO’n godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Goorii seenuu hordofee maatiin qabsaa’otaa fi sabboontonni ilmaan Oromoo baay’inaan 20 ol ta’an loltoota sirnichaan ukkaamfamanii hidhamuun dhaga’ame.

Hidhamtootni kunneenis maqaan isaanii:

  1. Obbo  Damisee Gurmeessaa,
  2. Ilma isaa Bultii Dimisee fi 

Barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa bulchiinsa magaalaa Goorii kan ta’e nama maqaan isaa: 

  1. Abdataa Asfawuu 

jedhamu kaleessa Fulbaana 2, 2025 qabanii bulchiinsa magaalaa Warra-Jirruutti hidhuun addeeffameera.

Kana malees maatiin qabsaa’otaa danuun walakkeessa halkanii Fulbaana 2 dhukaasa magaalaa keessatti geggeeffamaa tureen sa’atii muraasa booda kan ukkaamfaman oggaa ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti bulchiinsa magaalaa Gooriitti hidhamanii jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply