• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n Qondaalota Waraanaa leenjii kennaafii ture Zoonii Harsadeetti xumursiise eebbisiisuu beeksise

Sep 6, 2025

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Gameeyyii ilmaan Oromoo kanneen  kaayyoo isaanii irratti cichoomina akkasumas murannoo olaanaa qaban, dhaaba isaaniii ABO-WBO’f aara-galfii malee hojjetan walitti qabee leenjii qondaalummaa yeroo dheeraaf kennaafii kan ture dhaabni ABO-WBO Zoonii Harsadeetti Fulbaana 2, 2025 milkii fi injifannoon goolabsiisee dirqama itti aanuuf bobbaasee jira.

Loltoonni bilisummaa sabichaaf kaayyoo isaanii irratti cichoomina jabaa agarsiisaa labooba ibiddaa dhukaasa diinaa guyyuu irratti roobaa oolus injifannoon irra aanuun cinatti, marii fi marabbaan zooniilee cufa irraa wal-hubannoon qaxaleewwan miseensota WBO keessaa yeroo yeroon filee barnoota qondaalummaa kennaafii kan jiru dhaabichi tibbanas bifa addaan Zoonii Harsadeetti kan eebbise oggaa ta’u, fulduraafis hanga kaayyoo fi akeekni dhaabichaa galma yaadame bira ga’utti daran cimee akka itti fufus ajajaan waraanaa Zoonichaa ibseera.

Gama leenjifamtoota qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoonis kaka’umsi fi abdiin guddaan irraa kan mul’atu oggaa ta’u, dirqama fuula isaanii dura jiru hanga aarsaa lubbuu kaffaluutti gammachuun simatanii saba cunqurfamaa baroottan dhufaa darbaan garboomfattootaan aarsaa lubbuu ilmaan isaa itti kaffalaa jiru kana boqonnaa waaraa kenneefii  imimmaan aayyoo qoorsuufis, tumsa sirrii fi barnoota gama kamiyyuu miseensota waraanaa fi hawaasa bal’aaf kennineefii galma bilisummaas dhiyeessuu qabna jechuun waadaa isaaniis haaromfataniiru.

Leave a Reply