• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Dodootaa keessatti ijoolleen abbaa tokkoo namni 3 osoo taphachaa jirtuu boombii tokko lafaa argitee kaasuun miidhaan irra gahee jiraachuun dhaga’ame

Sep 16, 2025

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Loltoonni Bilxiginna kan naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne, meeshaa isaanii illee qabachuu dadhabuun bakkuma arganitti gataa kan deeman yeroo garaa garaatti meeshaaleen lolaa lafa isaan socho’an irraa kan argamu, Fulbaana 13, 2025 aanaa Dodootaa ganda Teroo Dastaa iddoo addaa Gaara Saalanii jedhamutti ijoolleen sadii osoo taphachaa jirtuu bombii lafaa fuutee osoo ittii taphattuu boombiin itti dhowuun daa’ima tokko ajjeesuun, 2 ammoo madeessee hospitaala Asallaatti yaala irra jiraachuu maddeen ifoomsaniiru. 

Daa’imman haala kanaan miidhaan irra ga’e keessaa:

  1. kan lubbuudhaan darbite Hawwii Muusaa yoo taatu, 

kanneen madaa’anii yaala irra jiran immoo:

  1. Ibraahim Muussaa fi 
  2. Aamiin Muusaa jedhamu.

Yeroo hedduu waan akkasii namni gurguddaanis arganii fuudhanii ijoollee ofii jalaa awwaalaa akka turanii fi akkuma tasaatti immoo daa’imman abbaa tokkoo kana mudatee haalli hamaan akkasii maatii kana qaqqabee jira jechuun maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Bilxiginnaan yeroo gabaasa Dhaabbata Mootummootaaf dhiyeessu ammaa akka waan boombii lafa jala awwaalame kaasee lafa qulqulleessaa jirutti yeroon naaf haa kennamu jechuun maallaqa irratti yoo nyaatu, daa’immanii fi horiin garuu meeshaalee dhakawoo Bilxiginnaan lafa hunda kaa’aa deemuun miidhaan irratti qaqqabaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply