• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Fantaalleetti, jaleewwawwan Bilxiginnaa horii uummataa saamuu itti fufan 

Sep 17, 2025

ONM-ABO Fulbaana 17, 2025 

Murni Bilxiginnaa godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee gandoota garaa garaa keessatti Fulbaana 15, 2025 saamicha horii fi maallaqaa gara jabummaan raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Godinuma kana aanaa Boosat ganda Siifaa Battee iddoo addaa Siifaa jedhamutti badii tokko malee haadha ijoollee lamaa kan taate nama maqaan ishee Aadde Amiidee jedhamtu irraa qarshii 10,000 waraanni PP humnaan irraa fuudhanii akka gadi dhiisan maddeen addeessaniiru.

Haaluma kanaan jijjiirraa baraa kan Habashaa sababa godhachuun ganda Gidaaraa keessaa bulchaa gandichaa kan ta’e kaabineen maqaan isaa Waaqoo Daargee jedhamu milishoota sirnichaa maqaan isaanii; Gobbuu Nuuraa Suloo, Qumbii Dhaddoo fi Jabeenii Jabboo kanneen jedhaman waraana PP waliin wal ta’uun re’ee jiraattotaa kudha shan humnaan fudhachuudhaan qalanii akka nyaatan jiraattonni ifoomsaniiru.

Leave a Reply