• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Bonayyaa Bosheetti waraanni PP jirattota irratti hidhaa hammeessuun dhaga’ame

Sep 17, 2025

ONM-ABO Fulbaana 17, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Bonayyaa Boshee ganda Kooyyee Konchiitti Fulbaana 16, 2025 waraanni PP uummata nagaa ukkamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoonni hidhaman kunneenis maqaan isaanii:

  1. Cimdeessaa Boonsaa,
  2. Cimdeessaa Sanbatoo 
  3. Bookaa Nagaasaa 
  4. Moosisaa Tarrafaa,
  5. Tarrafaa Dirribaa,
  6. Addaamuu Boodanaa,
  7. Dhibbisaa Amansiisaa,
  8. Mokonnon Giddiisaa fi 

kanneen biroo yoo ta’an, namoonni kunneen qonnaan bultoota qonna qotatanii maatii isaanii jiraachifatan ta’uu fi yeroo ammaa kana waajjira gandichaatti hidhamanii hiraarfamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Murni Bilxiginnaa waraana isaa walitti fufiinsaan maqaa garaa garaa dhahatee uummata nagaatti boobbasuun golee Oromiyaa cufa keessatti yakkoota mirga namoomaa akka malee hammeessuun uummatni roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply