ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Akka dhaabbati preesii Faransaay AFP jedhutti jiraattonni naannoo Tilabéri Lixa Niijer akka jedhanitti namoonni qawwee hidhatan namoota 22 rasaasaan rukutanii ajjeesuu himuun, isaan keessaa harki caalaan isaanii cuuphaa irratti hirmaataa turan. Aangawoonni Nijeer haleellaan akka raawwatame mirkaneessanis, lakkoofsa namoota lubbuun darbe garuu hin ibsine.
Roobii kaleessa Lixa Niijar keessatti gareen hidhattootni doqdoqqeen dhaqan haleellaa raawwataniin namoonni nagaa 22 ajjeefamuu isaanii gabaasni adda addaa miidiyaalee fi namoota ijaan argan irraa argame ni mul’isa.
Haleellaan kun namoota gandaa sirna cuuphaa irratti hirmaatan irratti dhukaasa banuun, achitti namoota 15 ajjeesaniiru. Sana booda naannoo sana gadhiisanii namoota nagaa torba biroo naannoo sana jiran ajjeesan.
Naannoon Tilabéri dhiha Niijer, Maalii fi Burkina Faso waliin daangeffamte, jeequmsa hidhannootiin kan beekamtuudha. Keessattuu gareewwan Jihaadistootaa naannoo sanatti baay’ee socho’aa kan jiran yoo ta’u, humnoonni hidhatee Niijar haleellaa sochiiwwan jihaadistootaa adda addaa irraa dhufu to’achuuf rakkachaa turaniiru.
Torban darbe haleellaan naannoo Tilabéri keessattis raawwatameen loltoonni waraana Naayijeeriyaa hedduun ajjeefamaniiru. Yoo xiqqaate haleellaa adda addaa lama Fulbaana 10 raawwatameen loltoonni gara digdamaa ta’an akka du’an tilmaamameera.
Gabaasni dhiheenya kana Human Rights Watch jeequmsa Tilabéri keessatti uumame irratti xiyyeeffannoo kan kennuun ibsa baaseen, aanga’oonni namoota nagaa naannichaa eeguuf caalaatti akka hojjetan gaafateera jechuun Africanews gabaaaseera.

