ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Fulbaana 14, 2025 aanaa Sayyoo ganda Taabor bakka addaa Maggalee jedhamutti shiftoonni murna PP dhiiga uummata nagaa dhangalaasaa oolan dargaggoo ganna 17 maqaan isaa Abdii Amaaree jedhamu halkan osoo inni hiriyoota isaa waliin Puulii taphatuu mana puulichaatti seenuun yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun oggaa rukutan, battaluma sana maatiin kaasanii gara hospitaala magaalaa Dambii Dollootti geessanis dandammachuu dadhabuun, yeroo muraasa booda lubbuun isaa akka darbe maddeen ifoomsan.
Dargaggeessi kunis barataa kutaa 7’ffaa akka ta’e kan himan jiraattoonni innis nama nagaa ollaa fi maatii isaa keessatti naamusaa fi kabaja qabu akkasumas, tuttuqaa siyaasaa qaama kamii irraas walaba ta’uu himuun, garuu hidhattootni sirnichaa daa’imman ol adeemoo, dargaggootaa fi maanguddoota osoo hin jedhin lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasuu adeeffatan Oromummaa isaa qofaaf yakkuun kan ajjeese ta’uun dabalataan ibsamee jira.
Qe’ee uummata nagaatti gaddaa fi gadadoo uuwwisuun, manaa fi qabeenya uummataa gubee mancaasuun akkasumas hidhaa fi dararaa garaa garaan ilmaan Oromoo gidirsaa kan jiru balfamaa fi cubbamaan murna Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti mirga uummata nagaa sarbuun duguuggaa sanyii raawwachisaa jiraachuun kan mul’atuudha.

