ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Murni Bilxiginnaa Oromiyaa dirree jeequmsi keessatti dagaage taasisuun hojiiwwan saamichaa maqaa gibira, deggersa humnoota waraanaa kan raayyaa ittisa impaayerattii, milishoota gaachana sirnaa, buusaa gonofaa, fannoo diimaa, gatii galmee mana barnootaa fi kanneen biroo jechuun uummata baadiyaa fi magaalaa godina Baha Harargee aanaa Dadar gidirsaa kan jiran yoo ta’u, namni qarshii gaafatame hin kaffalle ammoo hidhamaa jiraachuun addeeffameera.
Keessattuu tibbana namoonni gibira lafaa qarshii gadi-aanaa 5000 irraa kaasee hanga 20,000’tti kaffalaa kan jiran oggaa ta’u, kaffaltii gosa hundaa gaafataman cufayyuu akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees kaadiroonni aanaa kanneenii namoota ilmaan isaanii gara biyya Arabaa deemuun jireenya fooyyeffachuuf boqonnaa malee halkanii fi guyyaa dafqa illee cobsaa maatii gargaaran qarshii guddaa akka kaffalaniif maatii namoota kanneenii doorsisuun qarshii gurguddaa fuudhaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


