• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree keessatti loltootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Sep 19, 2025

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Fulbaana 13, 2025 aanaa Qoree ganda Majaa Yadilee iddoo addaa Majaa Yadilee jedhamu keessatti maatii nama maqaan isaa Obbo Kadir Haazoo jedhamuu kan ta’an:

  1. Aadde Shumbaa Gabaawoo fi ilma isaa 
  2. Maammannuur Kadir mana isaaniitii fuudhuun hidhanii hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen ifoomsan.

Maatiin kun yakka isaan hiisisu qabaataniif osoo hin taane yeroo garaa garaatti sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun mootummoota impaayerattii bulchaa turan Wayyaanee irraa hanga Bilxiginnaa har’aatti dararamaa kan turan yoo ta’u, hanguma Bilxiginnaan aangoo qabatte kana illee qabeenya mana isaa keessa jiru hunda balleessanii isas ajjeesuuf adamsuun jabaannaan inni mana isaa gadi dhiisee kan baqate yoo ta’u inni eessa jira fidaa jechuun amma maatii isaa dararaa jiraachuu maddeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Namni kun hawaasa keessatti akkaan jaallatamummaa kan qabu, nama eenyummaa isaa jaal’atuu fi Oromummaa isaatiin kan boonu yoo ta’u, sababni ati Oromummaa keetiin boontuuf hariiroo dhaaba biroo qabda maqaa jedhuun yeroo garaa garaatti adamsaa turuun ifoomeera.. 

Leave a Reply