ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Kaleessa Fulbaana 18, 2025 Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Dooyyoo Lamaan keessatti ergamtoonni waraana Bilxiginnaa maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobba’uun dargaggoo maqaan isaa Milkeessoo Tujjaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti dhukaasuun ajjeesanii jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu birootiin Bahuma Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Agamsa Roggichaa jedhamu keessatti Fulbaana 17, 2025 goleessitoonni waraana koloneel Abbiy Ahimed ergama fudhatanii bobba’uun dukkaanota daldalaa hedduu cabsuun qarshii fi qabeenya hedduu saamanii deemuu jiraattoonni ibsaniiru.
Namoota qabeenyi jalaa saamamee keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabee:
- Naanneessaa Gadaa jalaa qarshii 20,000,
- Taaddasaa Lammuu jalaa qarshii 15,000 fi meeshaa dukkaanaa guutuu waliin,
- Indaashuu Jalduu ammoo qarshii 22,000 jalaa saamanii jiraachuu jiraattotni ifoomsaniiru.
Ittuma dabaluun ganduma kana keessaa badii tokko malee namoota nagaa hedduus ukkaamsanii qabuun fuudhanii kan deeman yoo ta’u, namoota ukkamfaman keessaa kanneen maqaa arganne:
- Caalaa Lammuu,
- Caalaa Dammaa,
- Badhoo Guddaa,
- Husseen Taaddasaa,
- Buzee Warquu,
- Badhoo Darguu,
- Gammee Darguu fi
kanneen biroo danuu akka ta’an maddeen dabaluun addeessaniru.



