• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Dandii keessaa humnoonni PP’n ijaartee bobbaafte maqaa WBO’n socho’uun hawaasa saamaa fi dararaa jiraachuun dhaga’ame

Sep 19, 2025

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Humnoonni PP’n ijaartee uummatatti bobbaaste godina Lixa Shaggar aanaa Dandii gandoota garaa garaa keessa socho’uun saamichaa fi gudeeddaa raawwachaa jiraachuu jiratoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiratoonni jedhanitti, humnoonni kunneen rifeensa nam-tolchee godhachuun halkan halkan manneen uummataa irra deemuun maqaa WBO’n fayyadamu Jaal, Jaal jechuun wal waamuun WBO maqaa balleeessuu fi uummata waliin walitti buusuuf gochawwan PP’n raawwadhaa jettee leenjiste raawwachaa akka jiran himuun, garuu hawaasni eenyu waan kana dalagaa akka jiru hubatee jira jechuunis ibsanii jiru.

Gandoota kanneen akka; Gaalessaa, Dansaa Shonnoo fi Katikatta Waranbulchiitti sochii WBO’n aanaa sana keessatti geggeessaa jiru hordofuun humna ittiin WBO dura dhaabbatan dhabuun hawaasa meesha maleeyyii irratti dararaa hammeessaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading