• Wed. Nov 25th, 2026

Yuuniversitii Dirree Dhawwaatti barsiisonni barnoota gannaa baratan osoo hin eebbifamin waggoottan hedduu lakkoofsisaa jiraachuu himan 

Sep 19, 2025

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Barsiisonni barnoota gannaa mooraa yuuniversitii Dirree Dhawwaatti bara 2009 fi 2010 akka lakkoofsa impaayerattiitti barnoota eegalle kan jedhan barsiisonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise, silaa eebbi moorichaa bara 2014 fi 2015 barnoota xumursiisee osoo fixuu qabuu waggoottan sadiif barsiisota kanneen osoo hin waamin akka hafes dubbatu.

Hiriyyoonni keenya yuunivarsiitii Haramayaa, Odaa Bultum, Arsii, Dambii Dolloo fi kanneen biroon xumuranii mindaa isaanii waggaa 4 nyaataniiru kan jedhan barsiisonni kunneen, haala baruu fi barsiisuu moorichi nu irratti qoosaa jiruun dantaa argannu dhabnee  jireenyaan dargomaa ta’uu dadhabnee jirra  jechuunis dubbatu.

Barsiisonni kunneenis nuti hanga har’aa waraqaa ragaa tokkoyyuu hin qabnu, barachuuf barnoota hin taane, dhiisuuf ibsi yuunivarsitichi kenne hin jirus kan jedhan, al seerummaa guddachaa jiru kanaan waraqaa ragaa nu kennaa yoo jennu itti aanaan pireesidantii nama tokko hanga qarshii 20,000 nu gaafata jechuun himaniiru.

Akka barsiisonni kunneen himanitti osoo itti beelofnuu, qorraa fi dhiphina sammuu kamiiyyuu ofitti fudhannee olii fi gadi warraaqqanus, maatii fi ijoollee keenyas dhiisnee waggoottan kana marayyuu jireenya keenya achitti fixnus, waggaa shanaffaa irratti iyyuu waraqaa ragaa silaa kennamuu qabu nu dhorkachuun, barattoota keessaa bakka buufannee irra deddeebiin fudhachuuf yaallus carraa argachuu hin dandeenye jechuun ibsaniiru.

Waggoottan kana marayyuu joorree barachuun waraqaa ragaa dhabuun keenya kunis yeroo ammaa silaa yeroo miindaan nuuf dabalamu sadarkaa guddinaa keenya waliin faayidaa fooyya’aa argannu dhabnee jirra jechuun komee isaanii ibsatu. 

Leave a Reply