ONM-ABO Fulbaana 20, 2025
Hidhuu fi ajjeesuu akka furmaatatti fudhachuun golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiru murni Bilxiginnaa, gocha isaa hammeenyaa kana jebeessuun magaalaa Hoolataa keessaa namoota hedduu maqaa haala yeroo fi seelii diinaa jedhuun Waajjira Poolisii magaalichaa keessatti hidhanii dararaa jiraachuun dhaga’ame.
Namoota kanneen keessa dubartoonni maqaa abbaan warraa kee bosona jira jedhuun hidhaman keessa kan jiran yoo ta’u, namootni kunneen ji’a afurii fi isaa ol achi keessatti hiraarfamaa kan jiran ta’uu fi nyaata illee nama geessuuf kan hin qabne akka ta’an ibsameera.
Akka maddeen jedhanitti namoonni kunneen jiraattota aanaa Ada’aa Bargaa, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxee fi Abuunaa Gindibarat yoo ta’an, bakka maatiin illee hin gaaffannetti rakkifamaa jiru jedhu.
Maqaan namoota muraasaa bifa kanaan dararamaa jiranii:
- Dajanee Dabalaa
- Daani’el Dabalaa
- Taamiruu Dhaabaa
- Eebbisaa Kabbadaa
- Tuchoo Kumaa
- Caalaa Turaa
- Doqosaa Dheeressaa
- Birhaanuu Katamaa
- Tukkuu Baayyisaa
- Manoo Ejjetaa
- Abbabaa Caalchisaa
- Dhaabaa Gabbisaa
kanneen biroon hedduun maqaan isaanii nu ga’e jiraachuun barameera.
Gareen erga aangoo qabannee nama dararree ‘torture’ goone hin beeknu jechuun ija ashaboon miiccatee dubbatu Bilxiginnaan hidhee dararuu irra darbee lubbuu tokkoon mitii jumlaan ajjeesaa jiraachuun ni beekama.




