ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Shonkoora Guddisaa jedhamu keessaa Fulbaana 15, 2025 waraanni faashistii PP namoota maqaan isaanii:
- Masfinee Geetahuun jalaa qotiyyoo 2,
- Faqqadee Geetaahuun jalaa qotiyyoo 2 fi
- Siyyum Geetaahuun jalaas qotiyyoo 2
ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni saamichi irratti raawwate kunneen qonnaan bultoota, obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo yoo ta’an, hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu maddeen himuun, maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu” jedhuun yakkamanii saamamuun beekameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen namoota jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuuf qofa halkanii fi guyyaa dhama’an kufaatii dinagdee impaayerattii mudate sababeeffachuun irra deddeebiidhaan saamicha ulfaataa ta’een dinagdee ilmaan Oromoo quucarsaa kan jiran ta’uun ni beekama.


