ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Fulbaana 18, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Noolee Kaabbaa ganda didduu Qoceetti, waraanni Bilxiginaa dargaggoota sadii haala baay’ee nama sururuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoonni loltoota garee faashistii PP ilmaan Oromoo ajjeesuu amaleeffate kanaan ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii:
- Mokonnin Moosisaa,
- Faxxanee Abdataa fi
kan biroo tokko ta’uu odeessi nu qaqqabe ni ifoomsa.
Murni kun dargaggoota kana badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo” qabdu jedhuun bifa suukanneessaa fi qor-qalbii namaa cabsuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru.
Akka gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ifoomsutti dargaggoonni kunneen tuttuqaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu keessaa kan harka hin qabne yoo ta’an, garuu murni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu fi lubbuu qaalii dhabamsiisuun hoji-manee isaa ta’e Bilxiginnaan akkuma baratame dargaggoota jaallatamoo kanneen ajjeesanii gatuunis ibsameera.


