• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Harargee Aanaa Mi’eessootti barsiisaan tokko shiftoota loltoota Abiy Ahimediin ukkaamfamuun dhabamee jiraachuun beekame

Sep 21, 2025

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Barsiisaa mana barnootaa sadarkaa lamaffaa maqaan isaa Mohaammad Umar Ibrahaam jedhanu godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessootti Fulbaana 15, 2025 halkan walakkeessa toora sa’a 8:00’tti loltoonni faashistii PP mana isaa deemuun irriba irraa kaasanii reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun butanii deemuu jiraattonni ifoomsaniiru.

Barsiisaan kun guyyaa qabamee kaasee hanga gabaasni kun nu qaqqabetti bakka buuteen isaa adda hin bahin kan jiru oggaa ta’u, maatiin isaas bakka mara deemanii qaamolee Bilxiginnaa iyyaafatanis deebiin isaaniif kennamu sodaachisaa fi ari’annaa akka ta’es dubbatu.

Bara bulchiinsa Bilxiginnaa keessa namoonni hedduun butamanii awwaalcha dhabuun soora bineensota bosonaa kan ta’an danuu yoo ta’u, maatiin ilmaan dhaban cufti qara ilaalaa hafuun du’e jedhanis gadda taa’uu dhabanii, xiin-sammuu miidhamuu fi yaaddoo ulfaataa keessa galaa kan jiranis hedduu akka ta’e gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa yeroo mara qaqqabu ni ifoomsa.

Leave a Reply