• Wed. Nov 25th, 2026

Murni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa fi Collee keessatti gubaatii manneenii, saamichaa fi hidhaa raawwachuun dhagaa’ame

Sep 21, 2025

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Fulbaana 15, 2025 aanaa Sirkaa ganda Gallabee Amajaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakatta’aa WBO’n aanicha irraa gara gandaatti bobbaa’an dubartii maqaan ishee Zaarishuu jedhamtu jalaa sangaa tokkittii isheen qabdu humnaan jalaa oofatanii qalatanii nyaachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanichuma ganda Elellee Walaanii jedhamu keessatti loltoonni sirnichaa Fulbaana 17, 2025 manneen hawaasaa qabeenya waliin jumlaan gubanii barbadeessaa kan turan yoo ta’u,namoota manneen jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu gahe:

  1. Bakar Aliyyii,
  2. Kadiir Hajii Goobanaa fi 
  3. Abdullaahi Godaanaa 

kanneen jedhama yoo ta’an, gandichuma keessaa guyyaaduma sana Fulbaana 17, 2025 namoota hedduu qabanii hidhuun hiraarsaa turuun ifoomeera.

Namoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Ajii Jaarsoo,
  2. Damee Geezal, 
  3. Amiin Sheek Ahimad,
  4. Kaliiloo Godaanaa fi 
  5. Haadha manaa Obbo Kaliiloo Godaanaa Aadde Zaaruu 

kan jedhamtu abbaa manaa waliin qabanii hidhuun ijoolleen isaanii xixiqqoon kophaatti hafuun rakkataa jiraachuun gabaafeera.

Oduu biroon immoo, Fulbaana 17 kana aanaa Collee ganda Laga Bunaa jedhamu keessatti hawaasaan hiriira deggarsaa nuu bahaa jechuun dirqisiisaa kan turanii fi milishoota sirnichaa keessaa isin warroota hawaasa daftanii baasuu hin dandeenyeedha, rakkoo qabdu ittiin jechuun namoota hedduu kan hidhan yoo ta’u, isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe: 

  1. Tuujii Misbaahaa fi 
  2. Xaahir Sheek Kamaal 

kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni itti dabaluun Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply