ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Burqaa Loomicaa jedhamu keessatti tiksitoonni siyaasa Bilxiginnaa maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun manneen jiraattotaa diiganii guurrachuu, qabeenya saamuu fi namoota hidhanii dararaa akka turan ammas jabeessanii jiru.
Bifuma kanaan maqaa maatii qabsaa’otaati jedhu dawoo godhachuun baatii darbe keessa namoota hedduu hidhanii kan turan yoo ta’u, isaan keessaa obboleeyyan lama kanneen maqaan isaanii:
- dargaggoo Yaa’iqob Bayyanaa fi
- shamarree Ashuunee Bayyanaa
jedhaman baatii 2 oliif hidhanii reebichaa fi dararaa ulfaataa irratti raawwachaa turuun boodarra gadi dhiisanii gara manaatti galchanii turan.
Tibbuma ijoollee obboleeyyan kanneen qabanii hidhan keessa abbaa fi haadha isaaniis maanguddoota umrii 80 olii kan ta’an ilma keessan fidaa jechuun doorsisaa fi reebicha erga irratti raawwatanii booda horii isaanii cufa jalaa saamuun naannichatti kan argamu mooraa waraanaa Dimboo jedhamutti galfatanii qalachaa turuu jiraattonni addeessaniiru.
Ijoolleen kunneen erga turtii isaanii mana hidhaa irraa xumuranii bahanii booda maatii isaanii dadhaboo ta’an hojii hojjetanii jiraachisuutti kan seenan yommuu ta’u, ergamtoonni sirnichaa kunneen yeroo ammaas bifa haaraan ijoollee kana adamsanii ajjeesuuf jecha halkanii fi guyyaa mana maatii isaaniitti deddeebi’anii rakkisaa jiraachuu jiraattonni dabaluun dubbatu.
Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf ibsanitti obboleeyyan hidhattoota Bilxiginnaan ajjeefamuuf barbaadamaa jiran kunneen deggertoota paartii siyaasaa kamiyyuu kan hin taanee fi badii raawwatan tokkollee kan hin qabne yommuu ta’an, jaleewwan nam-tokkee barcuma irratti tiksuuf ifaajan immoo maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti, akkasumas WBO’f odeessa kennitu jechuun ajjeechaa irratti raawwachuuf halkanii fi guyyaa adamsaa akka jiran himu.

