• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo rasaasaan madeessuu fi saamuu cimsanii itti fufan

Sep 22, 2025

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa jibba ilmaan Oromoof qaban ifatti mul’isuun murna Bilxiginnaan utubamuun hidhannoo guutuun socho’uun hawaasa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu, saamuu, bakka buutee dhabamsiisuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii qarshii guddaa gaafachuu itti fufuun, aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa ganda 01’tti kan dhalate dargaggoo maqaan isaa Garree Tarrafaa jedhamu hidhattoonni gara jabeeyyii Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun waamaman Fulbaana 17, 2025 bakka addaa Caananii jedhamutti rasaasaan miilla isaa irra rukkutanii madeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Dargaggoon kun gochaa gara jabinaa finxaaleeyyii kanaan irratti raawwatameen miidhaan qaamaa ulfaataan irra gahus, lubbuun oolee amma mana yaalaa magaalaa Agamsaatti yaalamaa jiraachuun ifoomeera.

Aanicha keessatti finxaaleeyyiin kunneen gargaarsa murna Bilxiginnaan utubamuun Fulbaana 17, 2025 gandoota akka: Illaamuu, Gurraa, Dinkii, Jarmammee Dabbii, Oofii, Shakkitaa fi Goda jedhaman keessa socho’uun uummata Oromoo irraa qarshii kuma sadi sadii fi midhaan nyaataa kuntaala tokkotokko dirqamaan saamaa turuun baramee jira.

Leave a Reply