• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Shaggaritti PP’n wal qoqqoodiinsa murnoota isaa keessatti uumeen ilmaan Oromoo wal ajjeesisuu fi hidhaa jiraachuun beekame

Sep 26, 2025

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Godootti Fulbaana 23, 2025 wal qoqqoodiinsa Bilxiginnaan murna isaa keessatti uumeen ilmaan Oromoo akka walitti dhukaasan gochuun wal ajjeesisaa jiraachuu maddeen itti dhiyoo jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. Wal qoqqoodiinsa ta’e kanaan namni maqaan isaa komaander Mahaammad Sayidoo Ambachoo jedhamu milishaa maqaan isaa Sayid Maammad Wadoo jedhamutti dhukaasuun akka ajjeese maddeen dabaluun Arraata biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru. 

Akka keessa beektonni wal dhibdee kanaa himanitti, haalli kun kan uumame ilmaan Oromoo gosaan fo’uun lola hin barbaachisnetti erguudhaan irbaata rasaasaa akka ta’an taasisuu irraa kan maddeedhas jedhaniiru. Kanumaan wal qabatee ajjeechaa ta’e kana gara gosaatti  babal’isuun ollaanis ba’ee mana wal irratti gubuudhaan namoonni wal miidhuu fi qabeenyis barbadaa’uu maddeen eeraniiru.

Haaluma wal fakkaatuun godina Baha Harargee magaalaa Dirree Dhawwaatti poolisoota idilee ga’ee olaanaa qaban, kanneen dhalootaan Oromoo ta’an sababa tokko malee mana hidhaatti darbachuun akka maatii fi hiriyoonni isaanii namni tokkollee dhaqee hin dubbisne gochuudhaan itti yaadanii dhalattoota Amhaaraa bakka buusaa jiraachuun beekameera. 

Bilxiginnaan kufaatii siyaasaa isa mudate jalaa baraaramuuf sabaa fi sab-lammoota impaayerattii wal irratti kakaasuun wal ficcisiisee impaayerattii gara qileetti oofaa akka jiru irra deddeebiin gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply