• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo Hospitaala magaalaa Kamisee keessatti hanqinni qorichaa mudatee lubbuun namootaa darbaa jiraachuu fi ogeessoonni fayyaa sabaan Amaara ta’anis hospitaalicha keessatti ol’aantummaa waan qabaniif ilmaan Oromoo dararaa jiraachuun barame

Sep 26, 2025

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Godina Walloo magaalaa godinichaa kan taate Hospitaala magaalaa Kamiseetti qorichootni hospitaalichaaf dhiyaachaa jiru ga’aa ta’uu dhabuu irraan kan ka’e hanqinoonni qorichootaa garmalee mudachuun lubbuun haadholii ulfaa, daa’immanii fi maanguddootaa guyyaa guyyaan darbaa jiraachuun ibsame.

Akka ogeessi fayyaa magaalichaa maqaan isaa rakkoo nageenyaaf hin eeramne yaada isaa ONM’f qoode tokko jedhutti, Hospitaalli Magaalaa Kamisee Hospitaala Kamsiee kan Oromootni Walloo akka godinichaatti itti yaalaman, baay’inni namoota achitti yaalamanii fi qorichootni hospitaalichaaf dhiyaatan walin gitu. Fakkeenyaaf qorichi hospitaala guddaa godinichaaf dhiyaachaa jiru hospitaala aanaa tokkoof kan hin dhiyaannee fi tajaajiluus gonkumaa kan hin dandeenyeedhas jedha.

Ogeessi fayyaa kun itti dabaluun akka dubbatutti, fayyaan dhala namaa waaqaa gaditti harka ogeessa fayyaa jira, yaa ta’u malee kan lubbuun haadholii ulfaa, daa’immanii fi maanguddoota keenyaa darbaa jiruuf nuti ogummaa qabnuun hawaasa keenya tajaajiluu dadhabnee osoo hin taane, isaan wal’aannachuuf qorichoota ga’aa dhabneeti. Qaama dhimmi kun ilaallatuun hanqinni qorichaa nu mudatee lubbuun namootaa yaalaa tokko malee darbaa jira, dafaa furmaata itti godhaa, nuti kan addanatti rakkannuuf yoo lubbuu dhukkubsattootaa baraarreei. Kanaaf ammoo qorichoota ga’aa nuuf dhiyeessuu qabdu yeroo ittiin jennu namni nu dhaga’ee dubbii keenya lafaa kaasu hin jiru, garuu lubbuun namaa darbaa akka jiru argaa fi dhaga’aa jirus jechuun ibsa.

Sababa kanaanis magaalichatti namoonni maallaqa qaban qarshii gurguddaa baasanii hospitaala magaalichaa kan dhuunfaatti yaalamaa jiru, kan qarshii gurguddaa ittiin yaalamu hin qabne danuun ammoo akkuma salphaatti lubbuu isaanii dhabaa jiru, qorichootni kun hatattamaan hospitaala kanaaf hin dhiyeeffamu yoo ta’e kan duraa caalaa lakkoofsi namoota yaalaa dhabuun du’anii akka baay’atu shakkii tokko hin qabnu jechuun miira gaddaan dabaluun dubbateera.

Dabalataan ogeessoonni fayyaa sabaan Amaara ta’an hospitaalicha keessatti ol’aantummaa kan qaban oggaa ta’u, jibbiinsa sanyummaa ilmaan Oromoo irraa waan qabaniif jecha qorichootni xiqqoon yoo jiraatan illee wayita namni afaan Oromoo itti dubbatee wal’aansa gaafate qorichi hin jiru nurraa gadi ba’aa jedhanii loluu, dhukkubsataa siree qabatee ciisu bakka ciisaatti arrabsuu fi doorsisuun hospitaalichaa akka ba’an taasisaa jiraachuu odeessi hospitaala g magaalaa Kamisee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ifoomseera.

Leave a Reply