• Tue. Nov 24th, 2026

Humnoonni Kurdoota Siiriyaa haleellaa ISIS raawwateen miseensonni isaanii shan ajjeefaman jedhan 

Sep 26, 2025

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Humni Dimookiraatawaa Siiriyaa Kurdootaan durfamu akka jedhetti haleellaan Kamisa kaleessaa hidhattoonni ISIS baha Siiriyaa keessatti raawwatan  miseensota isaanii  shan ajjeese.

Hidhattoonni ISIS yeroo tokko Iraaq fi Siiriyaa bal’aa to’achaa turan, bara 2019 lola SDFn durfamu gamtaa idil-addunyaa irraa deggarsa argateen Siiriyaa keessatti  mo’amaniiru. Garuu seelii irra caalaa naannoo Kurdootaan to’atame irratti haleellaa banan har’as qabu.

SDF waraana qabatamaa bulchiinsa Kurdoota kaaba baha Siiriyaa keessa jiruudha.

Ibsa kenneen akka jedhetti, “networkiin shororkeessummaa ISIS waliin hidhata qabu” humnoota baha Deyir Ezor irratti xiyyeeffateen loltootni shan ajjeefamanii kan biraa madaa’aniiru.

SDF loltoonni isaa haleellaa guddaa ISIS raawwachuuf yaale fashaleessuu isaanii ibsuun, humnoonni isaa “qaamolee shororkeessummaa hordofanii naannoo sanatti dhabamsiisuuf” hojii gaggeessaa akka jiran ibseera.

Gareen kun biyyattii keessatti erga mo’amee waggaa jahaa ol booda, mooraa fi manneen hidhaa Kurdootaan geggeeffaman kaaba bahaa walakkaa ofiin of bulchuu Siiriyaa keessatti argaman  keessaa namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman kan qaban yoo ta’u, baay’een isaanii ISIS waliin hidhata qabu jedhamanii dubbatamu.

Jimaata darbe waraanni Ameerikaa haleellaa Siiriyaa keessatti raawwateen hojjetaa olaanaa ISIS ajjeesuu ibseera. Tarkaanfii Ameerikaa kanaan dura baatii Adoolessaa keessa goote hogganaa ISIS tokko ajjeeseera jechuun Al Arabiyan gabaaseera.

Leave a Reply