• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni PP miseensota isaa hedduu Aanaa Anfillootti hidhaa fi warreen dararaa jibban ammoo of ajjeesaa jiraachuun barame

Sep 26, 2025

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Gareen waraanaa Itiyoopiyaa tiksuu fi da’oo dhumaa Itiyoopiyummaa ijaarame jechuun dhaadatu Bilxiginnaan yeroo ammaa humna waraanaa Dargii caalaa qabna jedhee ittiin dhaadatu lola irratti jalaa harca’uun cinatti hidhaa fi of ajjeesuun mooraa waraana Bilxiginnaa keessatti raafama uumee jira.

Haala kanaanis torbee kana keessa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana PP garaa garaa irraa shakkii isaan gidduutti uumameen loltoota 60 ol hidhuun barameera.

Mooraa waraana PP magaalaa aanichaa Muggii keessa jiru keessaa loltoota 30 ol yoo hidhan Ashii, Garjeedaa fi magaalaa Seertumii keessattis hidhaan kun geggeeffamee jira.

Akka keessa beektotni dubbatanitti waraanni PP hedduun lola geggeeffamaa jiru nuffiin dirqamaaf fedhii dhabuu agarsiisuu dabalatee, miseensotni waraanaa lola dabalataaf nu qopheessaa jirtu kun ammoo lubbuu dhalootaan taphachuudha waan jedhaniif garaagarteen isaan gidduutti mul’achaa jiraachuu himaniiru.

Haa ta’u malee gaaffiin bu’uuraa lolli nu ga’a jedhu isaan gidduutti uumamus hooggantootni mooraalee waraanaa kun yaada mul’achaa jiru dabsuun ilaalcha siyaasaan yakkuu fi meeshaa waraanaa kan akka rasaasaa gurgurrachaa jirtu jedhuun hidhuu dubbatu.

Miseensotni kunneen meeshaa waraanaa baasanii gurgurachuunis kan dhufe sababa galiin isaan argatan xiqqaa ta’ee fi jireenyi itti ulfaateef akka ta’e tilmaamuun kan hin ulfaanne ta’us, gareen loltootni du’anii Itiyoopiyaa jiraachisuu qabdu yoo diddan akka wayyaaneetti reebamtu jechuun itti dhaadatu badii isaanii malee kanaan yakkuun hidhaa fi reebicha irratti geggeessaa jira.

Oduuma mooraa waraana PP aanaa Anfilloon wal qabatuun Kibxata darbe Fulbaana 23, 2025 mooraa magaalaa Seertumii naannoo Ukkii jedhamu irraa miseensi waraanaa tokko sababa hiriyoonni isaa qabamanii reebamanii hidhamanii fi dararaa jireenyaa moorichaa jibbuun qawwee isaan of rukutee of ajjeesuun barameera.

Aanichuma mooraa magaalaa Ashii irraa ammoo Wiixata darbe galgala miseensa tokko mooraa keessaa baasanii ganda Dullii achitti qarqara bosona Garjeedaatti ajjeesanii gatuun barameera.

Gareen maafiyaan PP waggaatti loltoota 60,000 eebbisiisee 74,000 haala adda addaan dhabu yeroo ammaa sodaa lola jabaatu as deemaa jira jedhuun loltootni isaa tasgabbii dhabuun ofiin harca’aa fi hidhaa akkasumas ajjeechaan mooricha daran tasgabbii dhabsiisaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply