• Tue. Nov 24th, 2026

Masrii’ Naayil Deeltaa keessatti balaa ibiddaa fi kufaatii gamootiin yoo xiqqaate namoonni 8 du’aniiru, 29 ammoo madaa’an

Sep 27, 2025

ONM-ABO Fulbaana 27, 2025 

Ibidda Jimaata barii Masirii Naayil Deeltaa keessatti ka’een gamoon gartokkoon jigee yoo xiqqaate namoonni saddeet du’uu fi 29 madaa’uu qondaaltonni himaniiru.

Bulchiinsa Gaarbiyaa magaalaa el-Mahalla, kan oomisha huccuutiin beekamtu keessatti, boba’aan akka dho’uu fi ibiddi akka ka’u taasiseera. Sunis gamoo gartokkoon akka jigu taasiseera jedha  miidiyaan waajjira bulchaa.

Bulchaan Ashraf al-Gendi, kan bakka sana daawwatan ibsa kennaniin akka jedhanitti, gareen deebii hatattamaa ibidda kana guutummaatti to’achuu fi kutaalee gamoo barbadaa’e buqqisuu isaanii, garuu yeroo gabaasni kun qindaa’etti baraartoonni ammallee namoota sadii caccabaa jalaa baasuuf yaalaa jiru. Haalli isaan keessa jiran ifa miti jedhe.

Ministeerri hojjataa ibsa baaseen miseensonni ittisa siiviilii tokko tokko ibidda dhaamsaa osoo jiranii lubbuun isaanii darbuu ibseera. Namoota miidhaman keessaa tokko yaala cimaa keessa kan jiru yoo ta’u, saddeet ammallee hospitaala kan jiran ta’uu fi kanneen biroo yaalamanii gadhiifamuu isaanii waajjirri bulchaa biyyattii beeksiseera.

Ji’a Adoolessaa keessa ibiddi gamoo dhaabbata telekoomii guddicha magaalaa guddoo Kaayiroo keessatti argamu kan gube yoo ta’u, yoo xiqqaate namoota 14 madeessee tajaajilli interneetii fi bilbila harkaa yeroodhaaf akka addaan citu taasiseera jechuun Asoosheetid Pirees gabaaseera.

Leave a Reply