ONM-ABO Fulbaana 28, 2025
Impaayerri afaan qawween ijaaramee afaan qawween hawaasa ukkaamsee bulchuuf yaalaa jiru impaayerri Itiyoopiyaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti osoo hawaasni yakka tokko hin raawwatin dararaa daangaa darbaa irraan gahaa kan jiru yoo ta’u, aanaa Leemmuu fi Billbiloo ganda Ulullee Haasaa jedhamu keessatti maqaa waajjira gandaa fi mana harmee ganda keessatti isiniif ijaarra qarshii kennaa jedhuun hawaasatti caasaa gandaa itti erguun maallaqa irraa gursisaa kan jiran yoo ta’u namoota qarshii kana of harkaa dhabanii kennuu dadhaban irraa ammoo qabeenya saamaa jiraachuun ibsameera.
Dabalataan ganduma kana keessatti waraqaa eenyummaa dijitaalaa ta’e baafattan malee baatanii galuu hin dandeessan jechuun hawaasicha doorsisaa kan jiran yoo ta’u, waraqaan eenyummaa kun ganda irraa kan argamu osoo hin taane teelee fi baankii dhaqanii waan baafataniif hawaasni magaalaa deemuu hin dandeenye rakkataa jiraachuun addeeffameera.
Ittuma fufuun, jala deemtootni impaayerattii kun ganda Leemmuu Mirxii keessattis nyaata milishaatiif jechuun mataa nama tokko tokkoon gandi guutuun qarshii 1200 kennaa ittiin jechuun uummata hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, namoota qarshii kana of harkaa hin qabne reebuun afaan qawween dirqamsiisanii irraa gurraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

