ONM-ABO Fulbaana 28, 2025
Waa’ee barcuma aangoo siyaasaa isaa malee, lubbuu uummata nagaaf haajaa tokko illee kan hin qabne koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa mara keessatti ergamtoota isaatti dhimma ba’uun hawaasa nagaa irratti sarbama mirga namoomaa ulfaataa raawwachuu itti fufuun, aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa dararaa hamaa hawaasa irratti raawwatan hammeessuun, Fulbaana 24, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Misgaanaa Garbaabaa,
- Gurmuu Oliiqaa,
- Dhaabaa Itichaa,
- Komii Amanuu,
- Fantaa Furii,
- Konnisee Bayyanaa,
- Xuree Diimoo,
- Hawwaa Biraanee,
- Barkumee Dassaalee,
- Dinqishee Guddisaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee mooraa waraanaa isaaniitti geessuun reebicha ulfaataa irraan gahuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoonni kunneen hundi isaanii qaama siyaasaa kam kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’an, lukkeeleen PP maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii reebichaan qaama kan laalessan ta’uun ibsameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa mooraa waraanaa keessatti erga reebicha irratti raawwataniin booda, “gara fuula duraatti isin keessaa namtokkollee Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo kan uumu yoo ta’e gaaffii tokko malee rasaasaan adda isin irraa facaasna” jechuun doorsisa ulfaataa irraan ga’uun himamee jira.



