ONM-ABO Fulbaana 28, 2025
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez Sanbata kaleessaa hammeenya waraanaa dhiheenya kana Israa’elii fi garee Huutii Yaman gidduutti uumame balaaleffachuun, balaa tasgabbii naannichaa fi lubbuu namoota nagaa irratti mul’atu guddachaa dhufuu akeekkachiisaniiru.
Guterereez ”akkaataa seera addunyaatiin, yeroo hunda, namoonni nagaa akka kabajaman fi eegumsi akka argatan gochuuf dirqama qaamolee hunda yaadachiisu,” jechuun dubbi himaan isaanii isteefen Dujaarich ibsa kennaniin dubbataniiru.
Dubbiin kana kan dubbate erga Huutiin magaalaa Israa’el Eyilat dirooniin rukutanii namoonni 20 akka madaa’an himamee, Israa’el Sanaa irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu isheetiin yoo xiqqaate daa’imman dabalatee namoota sagal du’uu fi 150 ol madaa’uu ishee gabaafameera.
Gutaareez balaa naannichatti daran hammaachuu danda’u irratti ”rakkina guddaa” keessa kan jiru yoo ta’u, hundi isaanii of qusachuu akka qaban gaafachuu itti fufaniiru jedhan Dujaarich.
Huutii fi Israa’el ji’oota darban keessa haleellaa wal jijjiiranii kan turan yoo ta’u, lola Tel Aviviin Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee waldhabdeen dabalaa dhufeera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

