• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Harargee Aanaa Cirootti humnoota weerartuu Bilxiginnaan namoonni lama ajjeefamuun dhaga’ame 

Sep 28, 2025

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Reereetti shamarreen umrii 12 maqaan ishee Caalee Jamaal Umar jedhamtu Fulbaana 25, 2025 loltoota murna Bilxiginnaa kanneen gara laafummaa hin qabneen balleessaa tokko malee rasaasaan waadamtee ajjeefamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Daa’imni ganna 12 kun waggaa darbe loltoota murna Bilxiginnaan maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun himatamtee erga mana murtiitti dhiyaattee booda abbaan seeraa umriin ishee hidhaaf hin geenye jechuun deebisee galche jedhu jiraattonni.

Gareen hammeenya raawwachuuf hireen kan kan kennameef waraanni Abiy Ahimed Kamisa darbe karaa irratti baasanii akka uummatni argee irraa jiiluuf daandii irratti ajjeesanii yeroo sanatti reeffa maatii dhorkachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Kana malees guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Suufiyaan Muummee jedhamu nama ganna 30, jiraataa ganda Noolee kan ta’es daa’ima kana waliin bakka tokkotti akka ajjeesan jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti loltoonni ajjeechaa raawwatan kunneen hawaasa jiilchuuf jecha reeffa namoota kanneenii yeroo akka kaafamee hin awwaalamneef dhorkuus itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply