• Sun. Mar 15th, 2026

Oromiyaatti shakkamtoota to’ataman irratti reebichi fi doorsisi qaqqabaa jiraachuun gabaafame

Sep 28, 2025

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa, naannoo Oromiyaatti shakkamtoonni waajjiralee poolisiif manneen sirreessa keessa jiran haala yeroo jechuun yeroo dheeraaf hidhamuu dabalataanis doorsifamaa, sodaachifamaa fi reebamaa akka jiran hordoffii taasiseen bira gahuu ibse.

Shakkamtoonni buufatalee poolisii fi bakka tursiisaa jiran mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ukkaamfamanii kan turaniif “dhimmoota haala  yeroo” jedhuun osoo hin himatamin yeroo dheeraaf ukkaamfamuu turuu isaanii gabaafameera. Naannoo rakkoo nageenyaa jirutti miseensonni maatii bakka shakkamtootaa ukkaamfamaa akka jiran; akkasumas namoonni mana murtiitiin bilisa ta’an “dhimma haala yeroo” jedhuun hidhamaa akka jiran himan.

Dabalataan waajirallee poolisii tokko tokko keessatti namoonni ukkaamfamuu isaaniis gabaafameera. Shakkamtoonni mana isaanii irraa fagootti hidhaman hanqinni nyaataa isaan mudachuufi manneen nyaataa, bakki nyaata bitatan naannoo isanitiin dhabuun rakkachaa jiraachuus, akkasumallee yeroo dhukkubsatan yaala fayyaa argachuu dhabuun dhimma yaaddoo ta’uun cinaatti, poolisiin gara wiirtuuwwan yaalaa geessuuf qarshii 500 hanga 1,000 kaffaluuf dirqama akka ta’e himaniru.

Komishinichi hordoffii buufataalee poolisii keessatti taasiseen, “reebichi shakkamtoota irratti sirnaan raawwatamaa akka jirus” ibseera.

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa buufataalee poolisii keessatti bishaan dhugaatii qulqulluun jiraachuu dhabuu fi manneen bultii garmalee akka guutaman ibsuun kun immoo qilleensa qulqulluu fi ifa gahaa akka hin galle akkasumallee hidhamtonni afata fi uffata halkanii akka hin qabnes eerera. 

Buufata poolisii koomishinichaan hordofaman keessa shakkamtoota ilaalchisuun mirga namoomaa adda baafame keessaa; “sabummaa fi ilaalcha siyaasaa dabalatee garaagarummaa biroo irratti hundaa’uun hidhamuu, kanneen to’annoo jala jiran maatii isaanii, abukaatoo fi firoota birootiin akka wali hin argines” gochaa jiraachuunis himameera jechuun Addis Standard koomishinicha wabeeffachuun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading