ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Oduu waamicha hogganaan mormituu, Isaa Tikiroomaa Bakarii, mormii guutuu biyyattiitti taasiseen magaalota keessatti akka ibidda bosonaatti babal’ate.
Iyyanni isaa Wiixata irraa eegalee guyyoota sadiif akka cufamuuf dhiheesse magaalaa kanattis eegalmee jira. Mormiin bu’aa filannoo mormuun mormitootaan taasifamaa jiru kanaan daldaltoonni hedduun sodaa irraa kan ka’e suuqii fi daldala isaanii banuu didaniiru.
Cufamuun kun barnoota dabalatee dameewwan biroo keessattis kan mul’atee jiru yoo ta’u, dargaggoonni hedduun mana barumsaa akka hin deemne himaniiru.
Isaa Tikiroomaa Bakarii waamicha daldallii cufamee sochiin dhaabbachuu isaatiin karoora mormii isaa Marsaa 3ffaa jalqabe kanaan aangawoota Yaawundée irratti yeroo dheeraaf waldhabdeen akka jalqabamu agarsiisa.
Mormiin filannoo booda uumamu Afrikaa keessatti sababa bu’aan filannoo mootummaa aangoo irra jiruun hatamuuf kan baratame yoo ta’u, Roobii darbe irraa eegalee Taanzaaniyaa keessattis mormii eegaleen sochiin dhaabbatee interneetiinis cufamee jiraachuun ni beekama.

