• Mon. May 4th, 2026

Baalee Lixaa Aanaa Sinaanaatti saamichi ulfaataan geggeeffamaa jiraachuun dhaga’ame 

Nov 2, 2025

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaatti murni Bilxiginnaa kan saamichaan hidda gadi jabeeffatee impaayeratti bulchuu barbaadu caasaalee isaa gubbaa hanga gadiitti bobbaasee hojiiwwan hannaa fi malaammaltummaa raawwachaa jiru jabeessuun uummata gidirsaa jiraachuu jiraattotni ibsan. 

Akka jiraattonni jedhanitti aanaa Sinaanaatti maqaa kaffaltii adda addaatiin maallaqni yeroodhaa yerootti guuramaa kan jiru oggaa ta’u, namni maallaqa inshuraansii fayyaa, gibira manaa fi lafaa, kaffaltii fannoo diimaa, deggersa waraanaa, uffannaa milishaa, ijaarsa gamoo paartii Badhaadhinaa fi kanneen biroon harkaa guuraa akka jiran dubbatu.

Maallaqni uummata harkaa fuudhamus marsaa tokko qofaaf osoo hin taane baatii keessatti irra deddeebiin kan gaafatan oggaa ta’u, namoonni qarshii gaafataman kaffaluuf gaaffii ykn mormii agarsiisnaan hidhaa fi reebichi loltoota ergamtoota sirnichaan irratti raawwatamaa akka jirus itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading