• Wed. May 13th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni maafiyaa Bilxiginnaa reebichaa fi saamicha jiraattota irratti raawwatan heddummeessan

Nov 3, 2025

ONM-ABO Sadaasa 3, 2025 

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Horro Bulluq ganda Laaloo Igguu jedhamu irraa gaafa Onkoloolessa 23, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Nagaroo Galataa,
  2. Obbo Guutuu Addunyaa fi
  3. Obbo Galmoo Malaakuu 

jedhaman kophee irraa baasuun “lafa WBO’n jiru nu geessaa” jedhanii reebicha hamaa irraan gahuun oliif gadi joorsaa turuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanuma kana ganda Dachaa Caabir bakka addaa Gaarradoo jedhamu irraa waraanni faashistii Abiy Ahimed gaafa Onkoloolessa 26, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Gonfee Ambassaa,
  2. Obbo Abbabaa Waaqwayyaa,
  3. Obbo Barsiisaa Waaqwayyaa,
  4. Obbo Iddoosaa Tarrafaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an jalaa gaaffii seeraa tokko malee mana isaanii seenuun erga jalaa caccabsanii booda qabeenya manicha keessa jiru saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen badii balleessanii fi siyaasa keessatti hirmaatan kan hin qabne, ergamtoonni Bilxiginnaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun yakkanii qabeenya mana guutuu kan saaman ta’uun, aanicha guutummaa keessatti maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun akka lubbuu jiraattotaa balleessuutti hiraarsaa ulfaataa raawwachaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading