• Wed. May 6th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti ajjeechaan loltoota murna Bilxiginnaan raawwachuun himame 

Nov 3, 2025

ONM-ABO Sadaasa 3, 2025 

Dilbata kaleessaa Sadaasa 2, 2025 dargaggoon tokko shiftoota waraana garboomfataa Bilxiginnaan Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti ajjeefamuu gabaasni nu qaqqabe ni ifoomsa.

Dargaggoon kunis aanaa Mana Sibuu ganda Coommoo Daabbus iddoo addaa Cafcafii Baabboo jedhamutti kan ajjeefame oggaa ta’u, maqaan isaas Qaasim Mahaammmad Atoomsaa kan jedhamuudha. Shiftoonni waraana koloneel Abiy Ahimadiin bifa sukkanneessaan rasaasaan rukutamee ajjeefamee gatamuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeraniiru.

Qaasim yakka lubbuu isaa baasisu akka hin raawwanne kan himan jiraattonni, murni maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuun bobbaafamanii lubbuu lammiilee nagaa soora bineensaa taasisuu bartee godhatan kunneenis dirqamaaf bobbaafamanii namoota nagaa ajjeesuu aadaa godhatanii jiru. 

Murni bade balleessaan Bilxiginnaa taateewwan wal-fakkaataa dheengaddaa godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Goorgisiitti dargaggoo Maatiwoos jedhamu bakka inni qaama dhiqachaa jirutti lubbuu isaa baasuun reeffa gara magaalaa Gooriitti geessanii akka gatan isiniif gabaasnee turuun keenya kan yaadatamudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading