ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horro Bulluq gandoota kanneen akka Haroo Aagaa, Odaa Bulluqii fi Guddinaa Abuunaa keessatti miliishoonni Bilxiginna humnaan uummata dirqisiisuun dabareen nyaata miliishaa qopheessu qabdu jechuun gidirsuu akkasumas qote bultoota humnaan qabuun leenjii miliishummaa fi farra riphee lolaa deemtuun adamsaa jiraachu maddeen keenya bakkichaa ONMtti dubbatan.
Sababa kananis qote bultoonni mana jireenya isaanii gadhiisuun ji’oota 2 oliif bosona keessa buluun hojii qonna isaanii irraa baqachuun beelaa fi hiyyummaa hamaaf saaxilamaa jiraachuun jiraattonni yaaddoo gudda qabachuu OMNtti himan.
Murni PP miliishoota naatoo tokko illee uummataaf hin qabne fi namuusa waraanumma hin eegne uummata nagaa irratti bobbasuun darara haalan ulfaataa fi dorgomaa hin qabne raawwachaa jiraachuun isa ni mul’ata.

