ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Preezdaantiin Kolombiyaa Gustaavoo Peetroo humnoonni nageenya hawaasaa Kolombiyaa hanga Waashingitan bidiruu Kaaribiyaan keessatti haleellaa raawwachuu dhaabdutti dhaabbilee basaasaa Ameerikaa waliin odeeffannoo basaasaa akka addaan kutan ajajan.
“Tarkaanfiin akkasii hanga haleellaan misaa’elaa bidiruu Kaaribiyaan irratti raawwatamu itti fufetti itti ni fufa,” jechuun Peetroon maxxansa X irratti barreesseen dubbateera.
Itti dabaluudhaanis, seenaa walta’iinsa biyyoonni lamaan daldala qoricha sammuu namaa hadoochu irratti qaban eeruun, “qabsoon qoricha sammuu namaa hadoochu irratti taasifamu mirga namoomaa ummata Kaaribiyaan jalatti kan argamu ta’uu qaba” jedhan.
Murteen isaa kun kan dhufe erga gabaasni CNN UKn odeeffannoon daldaltoota qoricha sammuu namaa hadoochu shakkaman irratti haleellaa ajjeechaa raawwachuuf itti fayyadamaa jiraachuu isheetiin US waliin odeeffannoo basaasaa qooduu akka dhaabde erga ibsee booda.
Gabaasni kun akka jedhutti qondaaltonni Biriteen haleellaan kun baatii Fulbaanaa irraa eegalee yoo xiqqaate namoota 76 galaafate kun seera addunyaa cabsa jedhanii amanu.
Hogganaan mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Volker Turk haleellaan kun ”fudhatama hin qabu” jechuun waajjirri isaanii ”ajjeechaa murtii ala” jedhee ibse irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafateera.



